Skip to main content

Victim information in Oromo

Mirgaa fi Tajaajiloota Miidhamtoota Yakkaa Maraaf

  1. Yakka haamaa irra kan ka’e midhaa isiin irrattii gaheef karaa Sagantaa Beenynaa Yakkamtoota Yakkaatii gargaarsii maallaqa akka isiiniif godhamuu gaafachuf mirga qabdu. Gargaarsii kun midhaa qabeenya irrattii gahee hin haaguguu. Iyyata dhiheessuuf fi odeeffannoo argachuuf gara 651-201-7300 ykn 888-622-8799 bilbilaa ykn gara Weebsaayitii Waajjira Sagantaalee Haqaattii dhaqaa: ojp.dps.mn.gov
  2. Odeeffannoo Enyummaa kessan ibsuu icitiin akka qabamu Ejansii Raawwachisaa Seeraatiif gaaffii dhiheessuf mirga qabdu. Ejansii Raawwachisaa Seeraa kun danda’aamu isaa ni murtessaa.
  3. Adeemsa dhagahaa himannaa kessattii raawwachuu akka dandeessan fi  yeeroo balleessaa ta’us gaaffii beenyaa gaafachuf akka dandeessan raawwataan Yakka yeeroo himatamuu beekuufmirga qabdu. 
     

Akka midhamaattii mirgii kessan akka sarbamee yoo isinittii dhagahaamee, Gara Kutaa Haqa Midhamaa Yakkattii lakkoofsa 651-201-7310 ykn 800-247-0390 irrattii bilbilaa. 
 

Yoo mirgi kee sarbameera ta’e, yookaan yoodirqama kee yookaan odeeffannoo asirratti dhiheessame hin hubanne ta’e, Garee Mirga Miidhamtoota Yakkaa . 651-201-7310, 800-2470390, yookaan cvju.ojp@state.mn.us. irratti qunnami.


 Mirga Miidhamtoota Miidhaa Mana Keessaa

Midhamaa haleellaa maatii kessaa yoo taatan ajaja eegumsa nageenyaaf argachuf iyyannoo kessan mana murtiif dhiheessun nama haleellaa maatii kessaaf ittigaafatamummaa qabuuf gaaffilee armaan gadii gaafachuu dandeessu:

  1. Haleellaa dabalataa irra akka of-quusatan;
  2. Mana kessan gadhisanii akka bahan;
  3. Naannoo jireenyaa kessan irraa, mana baruumsaa kessan irra, bakka hoji kessan irra ykn ykn bakka hojittii aramtan irra akka hin argamnee itti himuu; fi
  4. Namnii suun seeraan dirqama kessan kan ofirraa qabu tanaan kaffaltii qallaba yeeroodhaaf isiinif daa’ima umriin isaa hin geenyeef akka kaffaluu. 


Iyyata kessan kessattii nama kana wajjin daa’ima waliin godhataniif guddiistummaa ykn qabiinsa isaa irrattii ajajanii akka isiiniif kennamu gaafachuu ni dandeessu. 
Dhimma adeemsa dhagahaa kufaa godhamuu ykn himannaa yakka cufamu isaa isiniif beeksiisuuf mirga bekuu ni qabdu.
 

Akka sigargaaraniif kan Ajaja Eegumsaa yookaan Ajajoota Akeekachiisa Cunqursaa wajjin gargaarsa naannoo argachuuf, ittaanaa quunnami:

Sarara Balaa Guyyaa Jalqabaa Mineesotaa: 866-223-1111 Bilbili yookaan 612-399-9995 ergaa barreessi. Toora interneetii dhaaf . 


Gargaarsa Barbaaduu

 Gargaarsa barbaaduuf, ASITTI CUQAASI, yookaan ejensii seera eegsisaa naanoo kee qunnami.

 

Heyyama Beeksisa Ulaagaa warra Seera Kabachiisaniif

Qondaaltota seera kabachiisan beeksisa jalqabaa kan mirgootaa fi qabeenya yakkaan miidhamaa tahe hundaaf walquunnamtii jalqabaa irratti raabsuu qabu. Kutaa Heeroota Mineesotaa 611A.02, Damee 2(b).

Qondaaltota seera kabachiisan odeeffannoo dabalataa yaadannoo jalqabaatti miidhamtoota miidhaa naannoo araaf kennuu qabu. Kutaa Heeroota Minnesota 629.341, Damee 3.